Balballi nagaaf baname ammallee hin cufamne - ENA Afaan Oromoo
Balballi nagaaf baname ammallee hin cufamne
Sadaasa 12/2019(ENA)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa nagaa naannichaa kabachiisuuf hojiiwwan hunda dursee hojjetaa jira.
Qe'een Oromoo garaa gartummaa yaadaaf ilaalcha siyaasaatiin osoo hin daangeffamiin nagaa waaraa akka qabaatuuf; karoorrii fi kaayyoon siyaasaa kamuu mareef marabbaan akkasumas yaada mo'ataan akka geggeeffamuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa Godina Giddugala Oromiyaa magaalaa Ambootti hidhattoonni shanee namoonni 5 Aanaa Tokkee Kuttaayee bakka addaa Xaamee jedhamuun beekamutti, Meeshaalee waraanaa Kilaashii 5, rasaasa kilashii 92, rasaasa bireenii 34, kartaa kilaashii 8, boombii F1 fi hidhannoo mudhii 2, waliin karaa nagaatiin harka kennachuu ittigaafatamaan Waajjira Nagaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo Obbo Baay'isaa Huseen Ibsaniiru.
Obbo Baayyisaan akka jedhanitti, Mootummaan ammas karri nagaaf bane kan hin cufamne ta'uu ibsuun kanneen hafanis nagaan akka galaniif irradeebiin waamicha dabarsaniiru.