Tamsaasa Kallatti:

Hojiin qonna ammayyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufeera-Hayyoota

Sadaasa 12/2019 (ENA)- Hojiin qonna ammayyaa Itiyoophiyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufuusaa ayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa ibsan.

Tooftaaleen oomisha qonnaa ammayyaa oomisha guddisuurra darbee fedhii biyya keessaa danda’uun sharafa alaa argamsiisuu fi carraa hojii uumaa akka jiran hayyoonni ibsaniiru.

Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan sirna nyaata breelladaa kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Waasihun Hasan ENA’f akka ibsanitti, jijjiiramni qonnarratti dhufaa jiru akkaataa oomishaa hojmaata aadaarraa gara teeknooloojiin durfamutti ceesisaa jira.

Keessumaa jallisiidhaan misoomsuun qonnaan bulaan roobarratti akka hin hirkanne akka oomishan carraa uumuufii eeraniiru.

Itti fayyadamni maashinarii hojii qonnaa si’achiisaa akka jiru ibsaniiru.

Diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa fi kunuunsa biyyee, kunuunsa midhaanii fi ilamantii Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, shoorri qonni qonni jireenya keessatti qabu dabalaa dhufeera.

Sagantaan maaddii guutuu namoonni magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraatan kallattiin hojii qonnaarratti akka hirmaatan carraa uumuusaa ibsaniiru.

Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessii fi qorataan dinagdee qonnaa Dr. Adabaa Gammachuu, fooyya’insi oomisha Qamadiifi Ruuzii Itiyoophiyaa maxxantummaa biyya alaa akka hir’ise dubbataniiru.

Jijjiiramoota dhufaa jiran kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qulqullina oomishaa, fulla’insa dhiheessii fi dandeettii sona itti dabaluu qindoominaan cimsuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015