Tamsaasa Kallatti:

Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jira–Obbo Ashannaafii Ajjamaa

Sadaasa 12/2019(ENA)-Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jiraachuu itti Gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa ibsan.

Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Aanaa Tokkee Kuttaayeetti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti eegalameera.

Godinichatti duula kanaan daa’imman waggaa 10 gadi jiran miliyoona 2 ol ni talaalchifamu.

Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa waajjira damee godina giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa, dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf dhaloota ga’umsa qabu ijaaruuf hojii hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa, Obbo Darajjee Abdannaa, talaalliin kun daa’imman manaa manaatti, wiirtuuwwan talaallii dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi bakkeewwan adda addaatti akka kennamu ibsaniiru.

Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa hawaasa fayya qabeessa ta’e horachuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila fayyaa qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun, teknoolojii fayyaa babal’isuun fayyaa daa’immanii fi haadholii eeguu irratti hojjetamaa jiraachuu Obbo Ashannaafii, himan.

Duula talaallii kana milkeessuuf qindoominni qaamolee dhimmi ilaallatuu fi hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Itti aanaan waajjira fayyaa fi itti gaafatamaan damee wal’aansaa fi fayyaa maatii Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Dr. Araarsaa Hoorreessaa, gama isaaniin dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, godinichatti bara kana daa’imman miliyoona 2 ol talaalchisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa kun Sadaasa 11 hanga 15/2019tti kan turu ta’uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015