Tamsaasa Kallatti:

Baatii arfan darban godina Oromiyaa bahaatti daldaltoonni kuma 6 fi 400 caalan daldala seera qabeesa keessa galan

Sadaasa 12/2019(ENA)- Baatii arfan darban godina Oromiyaa bahaatti daldaltoonni kuma 6 fi 400 caalan daldala seera qabeesa keessa galuusaanii waajjirri daldalaa godinichaa beeksise.

Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Obbo Jamaal Qaasiim Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf (EBC) akka ibsanitti, godina keessatti aanaalee 36 fi magaalota torba keessatti to’annoo daldalaa gaggeeffameen dhaabbileen daldalaa kuma 27 fi 800 ol ta’an sakatta’amaniiru.

Kanneen keessaa daldaltoonni seeraan alaa hojjetan kuma 6 fi 400 ol gara sirna daldala seera qabeessaatti akka galan taasifameera.

Dogoggoroota adda bahan keessaa hayyama daldalaa malee daldaluu, hayyama nama biraa fayyadamuu, qarqara daandii irratti daldaluu fi gatii meeshaalee sababa malee dabaluun ni argamu. Kanaan walqabatee galiin adabbii irraa Birrii miiliyoona tokkootti dhihaatu walitti qabameera.

Dabalataanis, meeshaaleen kontirobaandii gosa garaagaraa Birrii miiliyoona 86.6 olitti tilmaamaman buufataalee sakatta’insaa Mi’eessoo, Baabbilee, Caalanqoo fi Boordodee irratti to’atamaniiru. Meeshaalee to’ataman keessaa uffata, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee miidhaginaa fi nyaata daa’immanii ni argamu.

Sirna daldalaa seera qabeessa ta’e cimsuuf, dorgommii haqaqabeessa ta’e mirkaneessuu fi fayyadamaa gatii sirrii hin taane irraa eeguuuf humni waloo hundaa’e hojii irra jira. Hanga dhuma bara baajataa kanattis daldaltoota 27,817 gara sirna daldalaa seera qabeessaatti galchuuf karoorfameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015