Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa(SUN) gochuun muudan - ENA Afaan Oromoo
Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa(SUN) gochuun muudan
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez hundeessaa fi dura taa’aa boordii faawundeeshinii Yeyaadaam obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa gochuun muudaniiru.
Muuxannoo fi hooggansi obbo Dammaqaa hojii garee dursaaf akkasumas milkaa’ina galmoota sosochichaaf gumaacha akka taasisudubbataniiru.
Obbo Dammaqaan gumaacha damee wabii nyaataa fi dhiyeessii nyaata madaalawaa irratti taasisaniif beekamtii kennuudhaani.
Muudamni obbo Dammaqaa Sadaasa bara 2019 amma Sadaasa 2021tti akka turu beeksisaniiru.
Gareen hoggansaa sochichaa biyyoota miseensa 67 fi naannolee Hindii afur karoora biyyaalessaa wabii nyaataa fi sirna nyaata madaalawaa isaanii akka milkeessan deeggarsa, qajeelfama tarsiimawaa fi hordoffii ni kenna.
Muudamni kun sochichi bu’uura tarsiimawaa A.L.A bara 2026–2030 hojiirra oolchuu yeroo jalqabuutti kan kenname yoo ta’u, bu’uura tarsiimawaa kun sirna oomishaa fi dhiyeessii nyaataa fooyyessuu, jijjiirama qilleensaa dandamachuu akkasumas biyyoota walitti bu’iinsaa fi rakkoo keessa jiraniif deeggarsa cimsuu irratti xiyyeeffata.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, walitti bu’iinsi, dhiibbaan jijjiirama qilleensaa fi deeggarsi misoomaa hir’achaa dhufuun keessumaa biyyoota saaxilamoo ta’an keessatti wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoolee kana dandamachuuf biyyoota giddugaleessa godhachuun, qaamolee dhimmi ilaallatu hedduu hirmaachisuun hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Muudamni Obbo Dammaqaa Mokonnin kun sadarkaa olaanaa fi dhageettii dippilomaasii Itoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti qabdu kan agarsiisudha.