Tamsaasa Kallatti:

Kitaabileen barataa bu'uura boruu fi sadarkaa 1ffaa maxxansarra turan miiliyoona 16 tuqaa 3 ol ta'an aanaaleef raabsaman

Sadaasa 12/2019 (ENA)-Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaabilee barataa biyya alaatti maxxanfamaa turan miiliyoona 16 tuqaa 3 ol ta'an hatattamaan barattoota akka qaqqaban raabsamaa kan jiran ta'uun ibsame.


Hogganaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Galatoo Tukee, kitaabileen aanaaleef hatattamaan raabsamaa jiran kunniin rakkoo hanqina kitaaba barataatiin walqabatee uumamaa ture sadarkaa olaanaan kan furu ta'uu dubbataniru.



Dabalataanis ulqullina barnootaa mirkaneessuu fi bu'aa barachuu barattootaa fooyya'aa jiru kanas daran kan cimsu ta'uu dubbataniiru.


Kitaabileen raabsamaa jiranis kitaaba barataa kutaa 1-6 fi kitaaba barataa bu'uura Boruu yoo ta'an gosoota barnoota Afaan Oromoo, Ingiliffa, Herrega, Saayinsii Naannoo, Gadaa fi Amaariffa kan of keessatti hammate ta'uun beekameera.


Raabsaan kitaabilee torban lama dura kan jalqabame yoo ta'u, aanaalee Oromiyaa 121 ol kan dhaqqabe ta'uufi aanaalee hafanittis guyyoota gabaaboo keessatti akka qaqqaabu beekameera.


Maddi- Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015