Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Pirojektiwwan misoomaa qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti tajaajila hawaasaaf banaa ta'uu xiyyeeffannon hojjetama jira

Sadaasa 11/2019 (ENA) - Godina Lixa Oromiyaatti Pirojektiwwan misooma qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti tajaajila hawaasaaf banaa ta'uu xiyyeeffannon hojjetama akka jiru ibsame.


Wiirtuu Naqamteette Gamaggamni raawwii hojii pirojektoota milkaa'ina, qulqullina, yeroo fi baajata irratti hundaa'e madaaluuf qooda fudhattoota waliin geggeeffamaa jira.


Kaayyoon gamaggaama kanaas raawwii pirojektoota sadarkaa Federaalaa, Naannoo, Godinaa fi Aanaalee irra jiran hanqinaa fi cimina qaban adda baasuun kallattii furmaataa kaa'uuf akka ta'es himameera.


Itti Aanaan Waajjira Bulchiinsaa fi hoogganaan damee dhimmoota bulchiinsaa Godina Lixa Oromiyaa obbo Daani'eel Charinnat, mootummaan xiyyeeffannaa addaa kennee Pirojektii misooma hojjechaa jira jedhan.


Bu'uuruma kanaan kan yeroo kamiiyyuu caalaa gurmaa'insa Caasaa haaraa kanaan mootummaan hawaasatti siqee tajaajila si'ataa dhiheessuf akka hojjetus dubbatan.


Pirojektiwwan misoomaa qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti tajaajila hawaasaaf banaa ta'uu akka qabanis xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.


Waltajjii gamaggamaa kana irrattis konteraakteroota dabalatee qooda fudhattoonni sadarkaan jiran argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015