Deeggarsa leenjii fi fooyyessa hojii qonnaa wiirtuun qorannoo qonnaa Hoolotaa nuuf taasiseen oomishaa fi oomishtummaa keenya guddifanneerra jechuun qonnaan bultoonni naannawichaa ibsan - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsa leenjii fi fooyyessa hojii qonnaa wiirtuun qorannoo qonnaa Hoolotaa nuuf taasiseen oomishaa fi oomishtummaa keenya guddifanneerra jechuun qonnaan bultoonni naannawichaa ibsan
Sadaasa 11/2019 (ENA) - Deeggarsa leenjii fi fooyyessa hojii qonnaa wiirtuun qorannoo qonnaa Hoolotaa nuuf taasiseen oomishaa fi oomishtummaa keenya guddifanneerra jechuun qonnaan bultoonni naannawichaa dubbatan.
Qonnaan bultoonni naannawichaa mala qonnaa aadaa fi sanyii hin fooyyofne fayyadamaa waan turaniif oomisha xiqqaa galchaa akka turan ibsaniiru.
Leenjii, gorsa ogeessaa fi deeggarsa sayii filatamaa wiirticharraa argataniin mala qonnaa ammayyaa hordofuun oomishtummaasaanii guddifachuusaanii dubbataniiru.
Qonnaan bulaan deeggarsa wiirtichaa argatan keessaa adde Buzaayyoo Bayyeeraa akka jedhanitti, wiirtichi qorannoo gaggeessuun lafa asiidawaa ta’e adda baasuun daakuu dhagaa (Nooraa) dhiyeessuun oomishtummaa isaanii akka guddisan deeggarsa taasisaa jiraachuu
Leenjiin ogeessota wiirtichaan kennamee fi deeggarsi taasifame lafa xiqqaa irraa oomisha guddaa akka galchanii fi jireenya isaanii akka fooyyeffatan isaan gargaaruu ibsaniiru.
Qonnaan bulaan Garramuu Waldasamaayat gama isaaniin, gorsa wiirtichaa hojiirra oolchuun lafti isaanii duraan midhaan hin baafne amma oomishtummaan isaa dachaan dabaluusaa ibsaniiru.
Qorataan midhaan garbuu wiirtichaa doktar Wandimmuu Fiqaaduu, wiirtichi waggoota dheeraaf garbuu, qamadii, mosee fi midhaan biroo irratti qorannoo bal'aa gaggeessaa turuu ibsaniiru.
Keessumaa garbuu biiraa biyya keessatti oomishuun, fedhii biyya keessaa warshoota biqilaa guutuuf hojjetamaa jiru bu'aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan adeemsa hojii qorannoo midhaanii wiirtichaa Obbo Indaashaaw Girmaa akka jedhanitti, kaayyoon wiirtichaa teeknooloojiiwwanii fi beekumsa qonnaa maddisiisuu, fooyyessuu fi qonnaan bultoota biraan ga'uudha.
Kanaafis, bu'aawwan qorannoo qonnaa qonnaan bultoota biraan ga'uu fi deeggarsa ogummaa kennuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojjetu cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.