Naannoo Tigraayi aanaa Asgadee Tsumbilaatti hidhattoonni ABUT seeraan alaa 200 caalan daandii nagaa filatan - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayi aanaa Asgadee Tsumbilaatti hidhattoonni ABUT seeraan alaa 200 caalan daandii nagaa filatan
Sadaasa 10/2019 (ENA) - Naannoo Tigraayi godina kaaba lixaa aanaa Asgadee Tsumbilaatti hidhattoonni garee ABUT seeraan alaa waliin bosona galan 200 ol daandii nagaa filatachuun harka kennan.
Hidhattoonni kunneen aanicha gammoojjii keessa kan turan yoo ta’u, carraa nageenyaa argatanitti gargaaramuun raayyaa ittisa biyyaatti harka kennataniiru.
Ministeera raayyaa ittisa biyyaatti itti gaafatamaan hariiroo ummataa izzii Kaaba lixaa koloneel Tasfaayee Efreem wayita kana, hidhattoonni daandii badii dhiisuun nagaa filachuusaaniif gammachuu itti dhagahame ibsaniiru.
Raayyaan nagaaf dursa akka kennuu fi yeroo ammaa hidhattoonni daandii dogoggoraarra goranii gammoojjjiitti hafan fakkeenya hidhattoota kanaa hordofuun nageenya akka filatan waamicha taasisaniiru.
Itti gaafatamtoonni godinaalee gamasaaniin, ummanni naannichaa waraanaa fi buqqa’uu jalaa bahee gara misoomaa fi ijaarsaatti cehuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Lammiileen gara nagaatti deebi’an leenjiin haaromsaa kennameefii hawaasatti akka makamanii fi hojii misoomaatti akka makamanii fi hojiilee misoomaarratti akka hirmaatan bulchiinsichi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.
Hidhattoonni waamicha nageenyaa filatanii harka kennatan dogoggorasaanii amananii milkaa’ina nagaa fi tasgabbii naannawasaaniif qoodasaanii akka bahatan dubbataniiru.