Naannichatti dhiheessii sanyii filatamaa fooyyessuun oomishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera-Intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti dhiheessii sanyii filatamaa fooyyessuun oomishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera-Intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa
Sadaasa 10/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti dhiheessii sanyii filatamaa fooyyessuun oomishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuusaa intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa beeksise.
Intarpiraayizichatti dameen Baalee qonnaa Sinaanaa fi Roobeetti lafa hektaara kuma 16 irratti garbuu biiraa, baaqilaa fi sanyii midhaanii biroo baay’isaa kan jiru yoo ta’u, kanarraas midhaan kuntaala kuma 500 caalu ni eegama.
Itti aanaan hojii gaggeessaa intarpiraayizichaa Caalaa Abbabaa dhaabbilee qorannoo qonnaa fi qooda fudhattoota waliin qindaa’uun sanyii midhaanii fooyya’an babal’isuuf, qulqullina sanyii mirkaneessuu fi dhiheessii dabaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Intarpiraayizichatti hojii gaggeessaan damee Baalee Muluuqan Aschaaloo gamasaaniin, misoomni midhaanii haala gaariirra waan jiruuf fuulduratti hanqinni sanyii filatamaa akka hin jiraanne eeraniiru.
Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godina kibba bahaa Zalaalam Alamaayyoo daawwannaan dirree kun sanyii baay’isuuf hojii hojjetamaa jiru hubachuuf, tumsa dhaabbilee cimsuu fi fayyadama qonnaan bulaa dabaluuf akka gargaaru dubbataniiru.
Bakka bu’aan dhaabbata Bortimalti Suufiyaan Amaan intarpiraayizicha waliin misooma sanyii filatamaa garbuu Biiraa babalisaa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bulaan Huseen Ahimad fi Kadir Mahimud sanyii filatamaa intarpiraayizicharraa argataniin oomishtummaansaanii dabalaa dhufuusaa ibsaniiru.
Hojjettoonni intarpiraayizicharraa, qorattoonni dhaabbilee qorannoo qonnaa, qonnaan bultoonnii fi qooda fudhattoonni biroon daawwannaa dirree kanarratti hirmaataniiru.