Nageenyi bu'uura misoomaati, misoomni bu'aa nageenya waaraati- Obbo Amaan Danuu - ENA Afaan Oromoo
Nageenyi bu'uura misoomaati, misoomni bu'aa nageenya waaraati- Obbo Amaan Danuu
Sadaasa 10/2019(ENA) - Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Noonnoo Beenjaatti mariin Misoomaa fi Nageenyaa caasaalee nageenyaa sadarkaan jiranii fi Kutaalee Hawaasaa hiemaachise gaggeeffame.
Mariin kun hojiiwwan misoomaa fi Nageenyaa Aanichaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, dhimmoota misooma hawaasaa, nageenya waaraa, tasgabbii naannichaa, hirmaannaa hawaasaa hojii misoomaafi nageenya keessatti qabu, akkasummas rakkoolee misoomaa fi nageenyaa irratti bal'aan mari'atameera.
Itti aanaa bulchaa fi hogganaan nagaa fi haqa godiina kibba lixa Oromiyaa obbo Aman Danuu akka Jedhanitti, rakkoolee nageenyaa fi misoomaa uumaman irratti mari'achuun furmaata waaraa kennuu, odeeffannoo waljijjiiruu, hirmaannaa hawaasaa cimsuu fi itti gaafatamummaa qaamolee hundaa guddisuun barbaachisaadha jedhan.
Itti gaafatamaan nagaa godina kibba lixa Oromiyaa obbo Junadiin Imaam gamasaanitin, Nageenya waaraa mirkaneessuun hojii misoomaa saffisiisuuf mootummaa fi hawaasni qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu himaniiru jechuun tajaajilli komnikeeshinii aanaa Noonnoo Beenjaa gabaaseeea.