Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa madaalan cimee itti fufa – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Sadaasa 10/2019 (ENA) - Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa madaalan cimee akka itti fufu etaamaajoor shuumini waliigalaa humnoota waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI kabajamoo Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa pirojektii qajeelcha walii galaa kutaa waraanaa duula addaa fi Geejjaatti kan ijaarame qajeelcha walii galaa kutaa waraanaatokkoo  koorii meeshaalee tarsiimoo toora Waliincitiirratti ijaatame har’a eebbisaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan yeroo kana akka jedhanitti, waggoota torban darban keessatti naannolee garaagaraatti buufataalee waraanaa ammayyaa 30 ol ijaaruun danda’ameera.

Bu’uuraaleen misoomaa sadarkaa raayyaa ittisa biyyaalessaa madaalan ijaaramaa jiranis cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha waliigalaa maandisaa ittisa biyyaa Jeneraal Dastaa Abichee gama isaaniin, qajeelchichi raayyaan ittisa biyyaa dirqama isaa akka bahatuuf pirojektoota gurguddoo ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, gamoon qajeelcha waliigalaa kutaa waraanaa Waliincitii har’a eebbifame hektaara 22 irratti kan argamu yoo ta’u, gamoon qajeelcha waliigalaa kutaa waraanaa Gejjaa ammoo hektaara 53 irratti kan ijaarame ta’uu dubbataniiru.

Ijaarsi kutaa waraana kanneenii yeroo karoorfameen dura xumuramuu isaa ibsuun, buufataalee waraanaa, dhaabbilee fayyaa fi giddugalaalee tajaajilaalee garaagaraa kennan kan hammatan ta’uu hubachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015