Feestivaalli ispoortii aadaa waltajjii guddaa aadaa fi seenaan Oromoo itti mul'atudha - ENA Afaan Oromoo
Feestivaalli ispoortii aadaa waltajjii guddaa aadaa fi seenaan Oromoo itti mul'atudha
Sadaasa 10/2019(ENA) – Ispoortiin aadaa, bu'uura ispoortii ammayyaa fi calaqqee aadaa Oromoo kan ta'ee fi bakka aadaa fi seenaan Oromoo itti mul'atu ta’uun ibsame.
Dorgommii Ispoortiiwwan Aadaa Oromiyaa 32ffaa fi Festivaalli Aadaa 19ffaan godina giddugala Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Ambootti eegalamee jira.
Itti aanaa waajjira gurmaa'insaa godina giddugala Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee dargaggoo fi ispoortii obbo Dirribsaa Daamxee ispoortiin aadaa bu'uura ispoortii ammayyaa ta'uu kaasaniiru.
Oromiyaan biyya ummanni aadaa fi duudhaalee garagaraa qaban tokkummaan keessa jiraatan akka taate himanii, ispoortiin aadaa tokkummaa ummattootaa cimsuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Itti aanaa kantiibaa magaalaa Amboo Obbo Magarsaa Dirribsaa akeekni dorgommiin ispoortii aadaa kunis walitti dhufeenya cimsuu, aadaa walii bakka tokkotti agarsiisuu fi dorgomtoota ciccimmoo filachuufi jedhan.
Gargaaraa itti Gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa godina giddugala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Daggafaa Ispoortiin Aadaa tokkummaa ummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Dorgommiin Ispoortii aadaa fi festivaala aadaa kanarrattis gosoonni ispoortii aadaa 10 kan dorgomamu yoo ta'u, godinaaleen Oromiyaa fi bulchinsonni magaalaa irratti qooda kan fudhatan ta'uun ibsamee jira.