Tamsaasa Kallatti:

Dargaggootni humna jijjiiramaa fi madda kalaqaa qofa osoo hin taane mallattoo nageenyaa fi misoomaa ta’uun ibsame

Sadaasa 10/2019(ENA)- Dargaggootni humna jijjiiramaa fi madda kalaqaa qofa osoo hin taane mallattoo nageenyaa fi misoomaa ta’uu bulchiinsi Kibba Baha Oromiyaa beeksiseera.

Godina Kibba Baha Oromiyaa kilaastara Asallaatti konfiransiin misoomaa fi nageenyaa dargaggoota hirmaachise gaggeeffame.

Itti aanaan bulchaa fi qindeessaan kilaastara nageenyaa godina kibba baha Oromiyaa obbo Abdurrazaaq Huseen akka jedhanitti, nageenya waaraa mirkaneessuun misooma biyyaa saffisiisuu keessatti gaheen dargaggootaa olaanaadha.

Barreeffama ka'uumsa haala misoomaa fi nageenyaa konfiransicharratti dhiyaate bu'ura gochuun akkaataa dargaggootni hojiilee misooma, nageenyaa fi tasgabbii hawaasaa keessatti tokkummaan hirmaachuu danda'urratti mariin bal'aan gaggeeffameera.

Dargaggootni konfiransicharratti hirmaatanis nageenyi amansiisaan akka mirkanaa'uuf tokkummaa fi qindoominaan qaamolee nageenyaa waliin kan hojjatan ta'uu himaniiru.

Komunikeeshinii godinichaarraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015