Naannoo Oromiyaatti Midhaan sassaabbiif qaqqabe lafa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 1 irraa walitti qabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Midhaan sassaabbiif qaqqabe lafa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 1 irraa walitti qabame
Sadaasa 10/2019(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Midhaan walii galatti qonna gannaanfacaafamee sassaabbiif qaqqabe lafa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 1 caalu irraa walitti qabamuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Biiroon qonnaa naannichaa sanyii fooyya’aa, xaa’oo fi teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa qonnaan bulaaf dhiheessuun, akkasumas mala qonnaa kilaastaraatiin lafa bal’aa misoomsuudhaan oomishtummaan akka guddatu hojjeteera.
Itti gaafatamaan komunikeeshinii biiroo qonnaa nannichaa obbo Indaashaawu Jamaanee akka ibsanitti naannichatti lafa qotame walii galaarraa midhaan dhibbantaa 28 sassaabiif qaqqabeera.
Amma ammaattis midhaan lafa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 1 irraa walitti qabamerraa kuntaalli miiliyoona 36 galeera.
Yeroo ammaa boqqolloon, qamadiin, xaafiin, ruuziin, baaqellaa fi atarri walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, oomishni roobaa fi ilbiisotaan akka hin mancaane humna namaa fi maashinoota fayyadamuun haamaan saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kana raawwachuuf kombaayinaroonni 737 fi maashinoonni bakkaa bakkatti geeffamuun midhaan dhahan kuma 9 fi 453 hojiirra kan jiran yoo ta’u, qonnaan bultoonni daboo fi jigiin akkasumas baratoottoota hirmaachisuun sassaabbiin midhaanii si’achaa jira jedhaniiru.
Kombaayinaraaf boba'aan dhihaachaa kan jiru yo ta’u, godinaalee kibbaa fi kibba bahaa Oromiyaatti to’annaan aramaa fi ilbiisotaa akkasumas itti fayyadama bishaaniirratti xiyyeeffannoon taasifamuun ibsameera.
Obbo Indaashaawu gama isaanitiin, oomishni yeroo fi mala sirrii ta'een akka walitti qabamu, wabii nyaataa fi qulqullina oomishaa eeguuf, oomishni haamames manneen kuusaa qulqulluu, gogaa fi qilleensa gahaa seensisuu danda'an keessatti akka kuufamu dhaamaniiru.