Misoomni magaalaa har’aa qofa osoo hin taane seenaa boruus ni barreessa-Kantiibaa Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Misoomni magaalaa har’aa qofa osoo hin taane seenaa boruus ni barreessa-Kantiibaa Adaanach Abeebee
Sadaasa 10/2019(ENA) - Misoomni magaalaa har’aa qofa osoo hin taane seenaa boruus kan barreessu ta’uu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach AbeebeeIbsan.
Magaalaan kan ijaaramu daandii fi gamoowwan ijaaruu qofanii miti, namoota seenaa hojjetanii fi biyyaaf oolmaa oolan kabajaan yaadachuu fi seenaa isaanii dhalootaaf dabarsuuni jedhaniiru.
Naannawaa Istaadiyeemii Adey Ababaatti guddina Ispoortii Itiyoophiyaa fi Afriikaaf ashaaraa olaanaa kan qaban siidaa YidinaqaachooTasammaa ijaaruun yaadama kanarraa kan madde jedhan.
Yidinaqaachoo Tasammaan abbaa Kubbaa Miilaa Afriikaati jechuun ibsan.
Akkasumas namoota biyyaa fi dhalootaaf gumaacha olaanaa qaban yaadachuun, seenaa misooma har'aa waliin walitti hidhuun dhaloota boruuf kaka'umsa uumuu ta’uu ibsan.
Misoomni har’a magaalaa ijaaruu qofa miti, seenaa boruus barreessuudha jedhan.
Seenaa kabajaa, eenyummaa cimsaa, ashaaraa dhalootaaf dabarsuu itti fufna jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.