Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti muuziin kilaastaraan misoome madda galii dabalataa fi abdii milkaa'ina badhaadhina maatii ta'a jira

Sadaasa 09/2019 (ENA) - Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Maannaatti muuziin kilaastaraan misoome madda galii dabalataa fi abdii milkaa'ina badhaadhina maatii ta’aa akka jiru ibsame.


Oomishni kanarraa argamu gabaa naannoo fi magaalota ollaatiif dhihaachuun galii qonnaan bultootaa akka guddisu abdatameera.


Bulchaa ittaanaan Aanaa Maannaa Zaalikaa Bulaa qonnaan bultootniif dargaggootni aanichaa dhuunfaa fi waldaan gurmaa'uun muuzii kilaastaraan misoomsaa jiruu jedhan.


Haala mijataa aanichi qabuun qonnaan bultootni oomisha guddaa akka argataniif biqilaan muuzii sanyii fooyya'aa dhihaataafii akka jirus himan.


Aanichatti inisheetiiviiwwan muduraalee addaddaa hojiirra ooluun fayyadamummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru kan jedhan ammoo ittigaafatamaa waajjira qonnaa Aanaa Maannaa Obbo Mahammaad Abdallaa ti.


Qonnaan bultootni aanichaa akaakuu oomisha addaddaa misoomsuun dinagdee isaanii akka guddifataniif hojjechaa jiraachuu ibsuun; misoomni muuzii kun caalmaan akka babal'atuufis kan hojjetan tahuu ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015