Tamsaasa Kallatti:

Mariin Hojiilee misoomaa fi nageenyaa irraatti xiyyeeffate Godina Kibba Oromiyaa fi Bulchiinsa Godina Konsoo gidduutti gaggeeffame

Sadaasa 09/2019 (ENA) - Mariin Hojiilee misoomaa fi nageenyaa irraatti xiyyeeffate Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Oromiyaa fi Naannoo Kibba Itiyoophiyaa bulchiinsa godina Konsoo gidduutti gaggeeffameera.


Marii Magaala Yaaballotti gaggeeffame irraatti Bulchiinsii fi Maanguddootni kan hirmaatan yoo ta’u, marichiis dhimmoota waliinii garaagaraa irratti xiyyeeffate geggeeffamu ibsameera.


Maricharratti ittaanaan waajjira bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa fi ittigaafatamaan damee rifoormii obbo Hassan Huqqaa, Hawaasi godiina lamanii walitti dhufeenya cima qabu ta’u ibsaniiru.


Hawaasni godinaale lamani walitti dhufeenya aadaa waliinii, misoomaa, nageenyaan waltumsee waggoottan dheeraaf waliin jiraachaa turuu himanii walitti dhufeenyi kun kana caalaa cimuu qaba jedhaniiru.


Bulchaan Godina Konsoo doktar Ongaayee Odaa gama isaanitiin, hojiilee misoomaa nageenyaa fi aadaa waliinii jabeeffachuun walitti dhufeenya godinalee lamani kan duraanii caalaa cimsuuf akka hojjetamus himu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015