Dandeettiin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaan ijaarte nagaa fi tasgabbii naannichaaf humna guddaadha - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaan ijaarte nagaa fi tasgabbii naannichaaf humna guddaadha
Sadaasa 9/2019(ENA)-Dandeettiin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaan mootummaa ida’amuutiin ijaarte faayidaa biyyaa eegsisuurra darbee nagaa fi tasgabbii naannichaaf humna guddaa fi dhiibbaa uumaa akka jiru wiirtuu nagaa kabachiisaa ittisaatti ajajaan inistiitiyuutii mana leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa birgaader jeneraal Gazzaahany Faqaaduu ibsan.
Ajajaan inistiitiyuutii mana leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa birgaader jeneraal Gazzaahany Faqaaduu; raayyaa ittisaa loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa taasisuun, leenjii, teeknooloojii ammayyaa fi caasaa dhaabbataatiin cimsuun dandeettii raawwii hojii fi ittisaa isaa guddisuu ibsaniiru.
Dandeettiin kun nageenya biyya keessaa eeguurra darbee hirmaannaa fi dhiibbaa Itiyoophiyaan nageenya idil-addunyaa eegsisuu keessatti qabdu akka guddisu hubachiisaniiru.
Raayyaan ittisaa dandeettii ijaarame kana teeknooloojii fi beekumsa ammayyaatiin caalaatti cimsuun gahee hoggansa damee nageenya eegsisuu keessatti qabu itti fufuu akka qabuus dubbataniiru.
Dursaan garee dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo koolleejjii ittisa biyyaa Itiyoophiyaa letenaal koloneel Koloneel Arraagaaw Gabramaadihin gama isaaniin, raayyaan ittisaa teeknooloojii, leenjii fi baay’ina humna namaatiin yeroo gara yerootti ammayyaa’aa dhufuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Kooriyaa irraa kaasee hanga biyyoota Afrikaatti muuxannoo nageenya eegsisuu bal’aa akka qabdu yaadachiisuun, dandeettiin ammayyaa raayyaa ittisaa yeroo ammaa ijaarame nageenya biyyoota ollaa fi addunyaa tiksuuf gumaacha taasisuuf akka dandeessisu ibsaniiru.
Kana malees, gumaacha Itiyoophiyaan nageenya eegsisuu keessatti taasisaa turtee fi dandeettii raayyaa ittisaa qorannoo fi kitaabota keessatti galmeessuun hawaasa idil-addunyaaf beeksisuuf yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbileen qorannoo xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiruu.