Tamsaasa Kallatti:

Godina Oromiyaa Kibba Bahaa keessatti hawata turizimii misoomsuu fi beeksisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira

Sadaasa 09/2019 (ENA)-Godina Oromiyaa Kibba Bahaa keessatti hawattoota uumamaa, seenaa fi aadaa misoomsuu fi beeksisuun lakkoofsi turistootaa fi galiin damee turizimii dabalaa dhufuu Waajjirri Turizimii Godinichaa beeksise.

Bara baajataa darbe turistoonni miiliyoona 1.8 naannicha kan daawwatan yoo ta’u, bara kana immoo turistoota miiliyoona 2.1 ol simachuun galii Birrii biiliyoona 3 ol argachuuf karoorfamee hojii eegaluun ibsameera.

Godinni Oromiyaa Kibba Bahaa Paarkii Biyyoolessaa gaarren Baalee, Holqa Soof Umar, Dirree Sheek Huseenii fi hawattoota uumamaa, seenaa fi aadaa hedduu kan qabu yoo ta’u, iddoowwan dandeettii turizimii olaanaa qaban keessaa tokko ta’uun ibsameera.

Keessumaa sirna ikoo uumamaa addaa fi qabeenya bineensota bosonaa haarren Baalee, bareedina uumamaa Holqa Soof Umar, akkasumas duudhaa seenaa fi amantaa Dirree Sheek Huseen hawattoota ijoo turizimii naannichaa ta’uun eerameera.

Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Turizimii Godina Oromiyaa Kibba Bahaa Obbo Dajanee Milkeessaan, hawattoota turizimii misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa fooyyessuu fi naannicha beeksisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Misoomni turizimii hawaasa naannichaa fayyadamoo gochuu, carraa hojii uumuu fi dhaala aadaa fi seenaa dhalootaaf dabarsuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Qabeenya turizimii guddisuuf Yunivarsiitii Madda Walaabuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu, akkasumas hawattoota uumamaa, seenaa fi namtolchee haaraan 100 ol adda baafamuu fi kaartaan dijitaalaa qophaa’uu ibsaniiru.

Iddoowwan hawataa qorachuu, galmeessuu fi odeeffannoo isaanii qaqqabamaa gochuun, akkasumas miidiyaalee fayyadamuun hawaasa biyya keessaa fi idil-addunyaatti beeksisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Qindeessaan damee turizimii Paarkii Biyyoolessaa gaarren Baalee Obbo Garramuu Mabraatuun, turistoonni biyya keessaa fi alaa paarkicha daawwachuun galii fooyya’aa argamsiisuu ibsaniiru.

Haroowwan paarkicha keessa jiran keessaa baay’een isaanii yeroo bonaa fi gannaa kan hin gognes ta’uu dubbataniiru.

Daawwattoota paarkichaa keessaa Deeviid Maarshaal, biyyoota garaagaraatti hawatoota turizimii daawwatanii kan beekan ta’us, qabeenya turizimii gaarren Baalee keessatti arganitti baay’ee dinqisiifachuu ibsaniiru.

Paarkichi bareedina uumamaa addaa fi bakka biraatti hin argamne qabaachuu isaas dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015