Tamsaasa Kallatti:

Godina Kibba Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jira

Sadaasa 9/2019 (ENA)- Godina Kibba Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuun ibsame.


Akka odeeffannoon tajaajila komnikeeshini Oromiyaa agarsiisutti, godina Kibba Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa kan jiran ta’u, Finni Dasee Goraa aanaa Gomaleetti hojjatame isa tokko.


Pirojektichi qarshii walakkaa biiliyoonaa oliin kan ijaaramee fi bishaan meetir kuubii miliyoona 22.6 ol kan qabatu yoo ta'u, lafa hektaara 1,700 ol misoomsuun abbootii warraa 3,400 ol fayyadamaa taasiseera.


Walumaagalatti, Pirojektiin Finnaa qabeenya bishaanii jiru gara oomishaatti jijjiiree wabii nyaataa mirkaneessuun hirkattummaa hir'isuu fi badhaadhina hawaasa horsiisee bulaa dhugoomsuuf shoora murteessaa qabachaa jira.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun wabii nyaataa mirkaneessuuf pirojektoota jallisii gurguddoo godinaalee naannichaa keessatti babal'isaa akka jiru ni beekama.


Hojii kanaanis waggoota muraasa keessatti bu'aawwan jireenya hawaasaa hirkattummaarraa gara of danda'uutti ceesisan galmaa'aa jiru.


Keessumattuu, godinaalee gammoojjii keessatti inisheetiviin Pirojektii Finnaa jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruun hawaasicha fayyadamaa misoomaa taasisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.


Hawaasni horsiisee bulaas horsiisa horii cinaatti midhaan nyaataa oomishuun wabii nyaataa akka mirkaneeffatan taasisaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015