Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni giddugala leenjii haaromsa Maqalee daawwataniiru - ENA Afaan Oromoo
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni giddugala leenjii haaromsa Maqalee daawwataniiru
Sadaasa 9/2019 (ENA)-Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UN) fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa har’a giddugala leenjii haaromsaa magaalaa Maqalee daawwataniiru.
Jilli kun kaleessa irraa eegalee naannoo Tigraayitti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran yoo ta’u, bulchiinsa yeroo naannichaa waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’ateera.
Naannolee deeggarsi barbaachisu keessatti daawwannaa dirree kan taasisan yoo ta’u, daawwannaan giddugala haaromsaa har’aas qaama hojii isaanii ta’uun ibsameera.
Dhimmoota ergamtoonni kun bulchiinsa yeroo naannichaa waliin xiyyeeffannoon irratti mari’atan keessaa, namoonni duraan hidhatanii turan leenjii haaromsaa fudhatanii gara hawaasaatti deebi’anii makaman haala mijeessuun isa tokko ta’uu ibsameera.
Yeroo marii kanattis dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa hojii Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa dinqisiifachuun, deeggarsa taasisaa jiran caalaatti cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Daawwannaan giddugala leenjii haaromsaa kunis tumsa komishinichaa waliin qaban gara fuulduraatti caalaatti cimsuuf kan isaan dandeessisu ta’uun ibsameera.