Ambaasaaddaroonni tumsa dipilomaasii Itiyoophiyaa fi biyyoota isaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddaroonni tumsa dipilomaasii Itiyoophiyaa fi biyyoota isaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Sadaasa 9/2019 (ENA)- Ambaasaaddaroonni biyyoota 16 irraa Itiyoophiyaatti haaraan muudaman, hariiroo dipilomaasii, daldalaa, invastimantii fi aadaa biyyoota isaanii fi Itiyoophiyaa gidduu jiru cimsuuf akka hojjetan ibsan.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa, Isiyaa, Baha Giddugaleessaa, Awurooppaa fi Kaaribiyaan biyyoota 16 irraa dhufan simachuun xalayaa muudamaa isaanii fudhataniiru.
Ambaasaaddaroonni xalayaa muudamaa isaanii Pirezidaantichaaf dhiyeessan keessaa ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, tumsa fi hariiroo dipilomaasii gama hundaan Itiyoophiyaa fi biyyoota isaanii gidduu jiru cimsuun faayidaa waliinii guddisuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Emereetota Araba Gamtoomanii Abdallaa Hasan Ubayid Hasan Alshamsii, Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii biyyoota michooma gadi fagoo qaban biyyoota tarsiimawaadha jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Qophroos Saavaas Viiladmiiruu gamasaaniin, Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Qophiroos ta’ee muudamuu kootti gammadeera erga jedhanii booda, dameewwan aadaa, daldalaa fi hariiroo ummataa cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddarri Cheek Rippabiliik Yan Roocheek tumsa mootummaa irraa mootummaaf, invastimantii fi ijaarsa pirojektootaa guddisuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Ambaasaaddarri Ayerlaand Kiyaaraan Madan invastaroonni biyyattii Itiyoophiyaa keessatti daldalaa fi invastimantii irratti akka hirmaatan taasisuu fi hariiroo aadaa cimsuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindii Deevish Utaam hariiroo michummaa dipilomaasii seena qabeessa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Tumsa guddina dinagdee daldalaa fi invastimantii si’ataa fi dinqisiisaa Itiyoophiyaa guddisuuf ni hojjetama kan jedhan ammoo Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ostiriyaa Piiter Elsinermakayidha.
Walumaagalatti, ambaasaaddaroonni biyyoota isaanii fi Itiyoophiyaa gidduutti tumsa dameewwan garaagaraatiin jiru bal'isuun faayidaa waliinii fi hariiroo dipilomaasii cimsuuf kutannoo qabaachuu isaanii ibsaniiru.
See less