Tamsaasa Kallatti:

Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsanidha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Sadaasa 9/2019 (ENA)፦ Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsan ta’uu itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, atileetota ol adeemtota kana qaamaan arganii jajjabeessuu isaanii ibsaniiru.

Dargaggoonni kunneen umrii isaanii dargaggummaa keessatti dandeettii olaanaa addunyaa irratti agarsiisanii fi injifannoo galmeessaniin alaabaa biyya isaanii kabajaan ol kaasuu isaanii dubbataniiru.

Bu’aan kun Itiyoophiyaanonni hundi gammachuu fi kan nama boonsu, dhaloota dargaggootaaf immoo abdii guddaa fi fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Itti aanaan ministira muummee injifannoon haraa kun milkaa’ina boruu caalmaa qabuuf ka’umsaa fi bu’uura ta’uu eeruun, atileetonni ofitti amanamummaa horachuun, abjuu isaanii guddisuun, injifannoo har’aa kan caaluuf akeekuun dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa fi taphoota olompikii dhufaniif dandeettii, kutannoo fi ciminaan akka qophaa’an dhaamaniiru.

Mootummaanis adeemsa milkaa’ina isaanii itti aanu keessatti deeggarsa isaan barbaachisu hunda akka taasisu kan mirkaneessan obbo Tamasgeen, atileetonni dandeettii fi gahumsa isaanii itti fufiinsaan guddisuun maqaa fi alaabaa biyya isaanii addunyaa irratti ol kaasuu itti fufuuf kutannoon akka dorgoman hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015