Birmadummaan Itiyoophiyaa nyaataa of danda'uu fi dandeettii dijitaalaatiin mirkanaa'a – Obbo Adam FaaraahBirmadummaan Itiyoophiyaa nyaataa of danda'uu fi dandeettii dijitaalaatiin mirkanaa'a – Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaan Itiyoophiyaa nyaataa of danda'uu fi dandeettii dijitaalaatiin mirkanaa'a – Obbo Adam FaaraahBirmadummaan Itiyoophiyaa nyaataa of danda'uu fi dandeettii dijitaalaatiin mirkanaa'a – Obbo Adam Faaraah
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Birmadummaan Itiyoophiyaa nyaataa of danda'uu fi dandeettii dijitaalaatiin mirkanaa'a –jedhan itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Gita bittaa harka lafa jalaa ammayyaa (Modern neo colonialism) irratti qabsaa’uuf kan hundeeffame yaa’iin walii galaa sosochii idil addunyaa “bilisummaa Ummattootaaf” jedhu Ruusiyaa Moskootti gaggeeffamaa jira.
Gareen jilaa olaanoo Obbo Adam Faaraah’n durfamu yaa’icharratti hirmaachaa jira.
Obbo Adam Faaraah walgahicharratti Itiyoophiyaan birmadummaa biyyaalessaa, bilisummaa hiree misoomaa murteeffannaa (Development Autonomy) fi sirna addunyaa jijjiiramaa dhufe keessatti ejjennoo fi ilaalamaa ishee dhiheessaniiru.
fi walqixxummaa biyyootaa, akkasumas sirna idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seera idil-addunyaa irratti hundaa'e deeggaruu ishee Obbo Adam Faraah mirkaneessaniiru.
Innis injifannoo Adwaa yaadachiisuun, Itoophiyaan seenaa koloneeffannaa qolachuu, bilisummaa uummataa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu kabachiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabdu ibsaniiru.
Bara ammaa keessatti bilisummaa biyyaalessaa cimsuuf of danda'uu nyaataa, dandeettii dijitaalaa, bulchiinsa daataa, nageenya saayibarii, garaagarummaa diinagdee fi fooyya'iinsa dhaabbilee irratti hojjechuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Addunyaa ammayyaa keessatti birmadummaa cimsuuf nyaataan of danda'uu, bulchiinsa dijitaalaa fi daataa, nageenya saayibarii, garaagarummaa dinagdee akkasumas fooyya'iinsa dhaabbilee irratti hojjechuun barbaachisaa ta'uu isaanii ibsaniiru.
Kana ilaalchisee, sagantaan Ashaaraa Magariisaa, misoomni qamadii, misoomni koridarii magaalaa fi Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa qabeenyaa fi dandeettii biyyattii qindeessuun of danda'ummaa irratti hundaa'e misooma waaraa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetamaa jiran ta'uu isaanii eeraniiru.
Dabalataanis, tumsi qaamolee hedduu gidduutti bu'a qabeessa ta'e, dhaabbilee idil-addunyaa keessatti bakka bu'iinsa haqa qabeessa Afrikaa, walitti fayyadamummaa, akkasumas nagaa fi araarri bu'uura badhaadhina waliinii ta'uu isaanii hubachiisaniiru.
Hirmaannaan Paartii Badhaadhinaa kun tumsa siyaasaa idil-addunyaa cimsuu, seenaa fi muuxannoo misoomaa Itiyoophiyaa beeksisuu, akkasumas ilaalcha biyyattiin abbaa biyyummaa, bilisummaa misoomaa fi sirna idil-addunyaa haqa qabeessa irratti qabdu ifatti ibsuuf kan kaayyeffate ta'uu isaa ibseera.
Walgahicharratti mariin waliigalaa, mariin minjaala tokkoo fi mariin gamlamee gaggeeffamaa kan jiran yoo ta'u, xumura walgahichaa irratti yaadonni murtoo fi waliigalteewwan tarsiimoo biyyoota lamaanii akka mallatteeffaman ni eegama.