Tamsaasa Kallatti:

Ardaalee jilaa akkaataa guddummaa duudhaa sirna Gadaa ibsuun misoomsuun dhalootaaf dabarsuuf hojjetamuu qaba - Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa

Sadaasa 8/2019(ENA)- Ardaalee jilaa akkaataa guddummaa duudhaa sirna Gadaa ibsuun misoomsuun dhaloota boriif dabarsuuf hojjetamuu akka qabu Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa ibsan.

Mareen galtee saxaxa misooma Ardaalee jilaa Gadaa Tuulamaa; Caffee Dongoraa, Caffee Tumaa fi Dhaka Koraa irratti xiyyeeffate abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, yuuba Gadaa Goobanaa, hayyoonnii fi ogeeyyiin garagaraa marii kanarratti hirmaataniiru.

Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa marecha irratti argamuun Ardaalee jilaa kanneen akkaataa Guddummaa duudhaa sirna Gadaa ibsuun misoomsuun dhaloota boriif dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan sirna sirnaan cabe wal'aanuun Aadaa, duudhaafi eenyummaa Uummata Oromoo iddootti deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuun marii Kanarratti ibsameera.

Mootummaan Aadaa, eenyummaa fi duudhaa ganamaa deebisuuf ardaalee jilaa misoomsuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuun marii kanarratti ibsameera.

Mareen galtee saxaxa misooma Ardaalee jilaa Gadaa Tuulamaa; Caffee Dongoraa, Caffee Tumaafi Dhaka Koraa irratti xiyyeeffate qindeessummaa Waajjira Pilaanii Magaalaa Shaggariin Kutaa Magaalaa Galaanitti abbootii Gadaafi qaamolee qooda fudhattoota garagaraa hirmaachisuun gaggeeffameera.

Kaayyoon marechaas ardaalee jilaa Gadaa Tuulamaa adda baasuu, daangessuu, kunuunsuufi misoomsuun wiirtuu qorannoo, Aadaa, seenaafi Turizimii taasisuuf kan kaayyeffate ta'uun ibsameera.

Inistitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatti Qorataa Seenaa Obbo Xaafaa Dirribaa; sirna Gadaa iddootti deebisuun cabinsa sirnaa ture hambisuun eenyummaa Oromoo iddootti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ardaalee Jilaa Gadaa Tuulamaa keessaa Odaa Nabee, Caffee Dongoraa, Caffee Tumaa fi Dhaka-Koraan isaan beekamoo akka ta’es ibsameera.

Odaan Nabee bakka ka'umsa godaansa Gadaa yoo ta'u, Ardaaleen Jilaa Caffee Dongoraa, Caffee Tumaafi Dhaka-Koraa ammoo bakkeewwan tumaalee seerotaa fi wal-harkaa fuudhinsi Aangoo sirna Gadaa itti raawwatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015