Magaalaa Ambootti dargaggootni waldaan gurmaa'uun hojjachaa jiran fayyadamoo ta'aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Ambootti dargaggootni waldaan gurmaa'uun hojjachaa jiran fayyadamoo ta'aa jiru
Sadaasa 8/2018(ENA)- Magaalaa Ambootti dargaggootni waldaan gurmaa'uun hojjachaa jiran fayyadamoo ta'aa jiraachuu waajjiri kantiibaa magaalichaa beeksise.
Mootummaan jiruufi jireenyi ummataa akka jijjiiramuufi badhaadhinni maatii akka mirkanaa'u, carraawwan jiran hunda hojiitti jijjiiruun dargaggootni waldaan gurmaa'uun akka hojjataniif xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu itti aanaan itti gaafatamaa waajjira kantiibaa magaalaa Amboo Obbo Abbabaa Biqilaa ibsaniiru.
Aadaa hojii jijjiiruun cinattii dargaggootni waldaan gurmaa'uun waan hojjatanii argatan akka qusatan gochuun ammoo karoora akka Mootummaatti qabame milkeessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru
Akka magaalichatti kilaasteroota 38 ijaaruun hojidhabdoota waldaa 46'n gurmeessuun hojiilee garagaraa irratti carraan hojii uumamuufi jiraachuu obbo Abbabaa Biqilaa eeraniiru.
Dargaggootni waldaan gurmaa'uun hojjachaa jiran kunneenis carraa mootummaan isaaniif babal'isetti gargaaramuun jiruu fi jireenya isaanii dinagdeen cimsuuf jabaatanii hojjachaa jiraachuu himaniiru