Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ji’oota afur darbanitti galiin birrii biiliyoona 9.6 walitti qabame - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ji’oota afur darbanitti galiin birrii biiliyoona 9.6 walitti qabame
Sadaasa 8/2019 (ENA) – Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ji’oota afran darbanitti galiin Birrii biiliyoona 9.6 walitti qabamuu waajjirri galiiwwan bulchiinsa magaalichaa beeksise.
Hogganaan waajjira galiiwwan bulchiinsa magaalichaa obbo Balaachoo Asaffaa akka ibsanitti, guddina dinagdee fi hawaasummaa magaalichaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf sirni sassaabbii gibiraa ammayyaa, haqa qabeessaa fi bu’a qabeessa ta’e diriirfamee hojjetamaa jira.
Tajaajila dhaabbatichaa ammayyeessuu, hojiiwwan teeknooloojiin deeggaruu, maddoota galii jiran guutummaatti fayyadamuu fi dandeettii raawwachiistotaa cimsuun xiyyeeffannoo argatanii hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Bara baajataa 2019tti maddoota galii garaagaraarraa birrii biiliyoona 32 ol walitti qabuuf karoorfamuu kan ibsan obbo Balaachoon, ji’oota afran darbanitti gibira kallattii, gibira al-kallattii fi tajaajila bulchiinsa magaalaarraa Birrii biiliyoona 9.6 walitti qabuun danda’amuu ibsaniiru.
Raawwiin sassaabbii gibiraa ji’oota jalqabaa bara baajataa kanaa jajjabeessaa ta’uu ibsuun, karooricha milkeessuuf humni hojii sassaabbii gibiraa bulchiinsa magaalichaas deeggarsaa fi hordoffii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Fooyya’iinsi sirna sassaabbii galii magaalichaa taasifame itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisuu bira darbee galii magaalichaa gahumsaan walitti qabuuf haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.
Hawaasni bittaa fi gurgurtaa raawwatu hundaaf nagahee fudhachuu akka qabuu fi daldaltoota nagahee hin kennine saaxiluun dirqama lammummaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.
Bulchaan warshaa magaalaa Adaamaa keessatti argamuu obbo Geediyoon Maarii gama isaaniin, gibira isaanii yeroo isaa eeganii kaffaluun dirqama lammummaa isaanii bahaa akka jiran ibsaniiru.
Gibira isaanii bakka hojii isaanii taa’anii karaa intarneetiitiin kaffalaa akka jiran kan ibsan Obbo Geediyoon, sirni kaffaltii gibiraa ammayyaa ta’uun isaa hojii kana saffisaa fi salphaa akka taasise dubbataniiru.
Gibirri kanaan dura ji’a sadi sadiin kaffalamaa ture waggaa darbe irraa eegalee ji’a ji’aan kaffalamuun isaa gibira isaanii yeroo isaa eeganii, gibiraa osoo hin kuusin akka kaffalan isaan dandeessisuu ibsaniiru.
Lammiileen hundi gibira isaanii yeroo isaa eeganii kaffaluun misooma magaalaa fi biyya isaanii keessatti gahee isaanii bahuu akka qabanis dhaamaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti bara baajataa 2018tti galiin Birrii biiliyoona 21 ol walitti qabamuun ibsameera.