Itiyoophiyaan gahee ishee nagaa eeguu idil-addunyaa irratti qabdu cimsitee itti fufti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan gahee ishee nagaa eeguu idil-addunyaa irratti qabdu cimsitee itti fufti
Sadaasa 8/2019 (ENA)፦ Itiyoophiyaan dandeettii dhaabbilee ishee ammayyeessuun fi fi tumsa michootaa ishee cimsuun nagaa eeguu idil-addunyaa keessatti gahee qabdu caalaa cimsitee akka itti fuftu Ajajaan Olaanaa humna galaanaa Vaayis Adimiiraal Kinduu Gazuu ibsan.
Waltajjii inistiitiyuutiin leenjii nagaa eeguu idil-addunyaa RFDI fi kolleejjiin ittisa biyyaa qopheessan irratti, jijjiirama sirna addunyaa fi laafina tumsa gama hedduu gidduutti tarsiimoo nagaa eeguu Itiyoophiyaa itti fufsiistu irratti mari'atameera.
Vaayis Admiiraal Kinduu Gezuun guduunfaa waltajjichaarratti akka jedhanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa hojii nagaa eeguu idil-addunyaa dirqama addunyaa qofa osoo hin taane, seenaa biyyaalessaa boonsaa fi qabeenya tarsiimoo isheeti.
Itiyoophiyaan bara 1950moota irraa eegalee, yeroo waraana Kooriyaa irratti hirmaattee eegalee, waggoota 70 ol keessatti loltoota kuma 180 ol gara biyyoota addunyaa garaagaraatti bobbaasuun kutannoo nagaa fi nageenya addunyaatiif qabdu hojiin mirkaneessiteetti.
Teeknooloojiiwwan haaraa ta’anitti gargaaramuun dandeettii dhaabbilee ammayyeessuu fi imaammattoota, hammattoo seeraa fi hojmaatilee sadarkaalee idil addunyaa waliin wal simsiisuu, akkasumas dhaabbata mootummoota gamtoomanii, gamtaa Afrikaa, IGAD fi humna eegumsa baha Afrikaa waliin tumsa jiru cimsuun xiyyeeffannoo argachuu qabu.
Tarsiimoon nagaa eeguu gara fuulduraa dirqama idil-addunyaa, nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa akkasumas faayidaa nageenyaa biyyaalessaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa waliin walitti hidhamee kan gaggeeffamu ta'uu ibsaniiru.
Yaadota furmaataa waltajjicharratti ka'an gara imaammata qabatamaa fi sagantaa hojii irra ooluuttI jijjiiruuf dhaabbileen dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.