Magaalaa Maqaleetti jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa abbootii amantaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Maqaleetti jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa abbootii amantaa waliin mari’atan
Sadaasa 8/2019 (ENA)-Ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa magaalaa abbootii amantaa Maqaleetti argaman waliin mari’ataniiru.
Jilli kunneen hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin marii erga taasisanii booda, abbootii amantaa waliin mari’ataniiru.
Mariin kun haala waliigalaa naannichaa fi dhimmoota hawaasummaa garaagaraa irratti kan xiyyeeffate ture.
Jilli kunneen har’aa eegalee guyyoota lamaaf magaalaa Maqaleetti daawwannaa gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, yeroo turtii isaanii abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa siiviilii waliin akka mari’atan ibsameera.
Daawwannaan kun haala waliigalaa naannichaa gama hawaasa garaagaraatiin hubachuu fi dhimmoota naannichaa keessatti argaman irratti mari’achuuf kan kaayyeffate ta’uunis ibsameera.