Godinichatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jira
Sadaasa 8/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Mootummaan naannoo Oromiyaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu, dinagdee biyyaa saffisiisuu fi hirkattummaa gargaartummaa irraa gara of danda'uutti ceesisuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jira jedhameera.
Bu'uruma kanaan Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Heexosaa Ganda Shaaqii Shararaatti omishni qamadii qonna gannaa kilaastaraan misoome makanayizeeshiniin walitti qabuun eegaleera.
Ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qonnaa godina kibba baha Oromiyaa Obbo Ibraahim Qaasoo, godinichatti lafa hektaara milioona 1.5 qamadiin facaasame keessa lafti hektaara miliyoona 1.2 kilaastaraan misoomuu himaniiru.
Omisha qamadii misoomaa jirurraas callaan kuntaala miiliyeena 68 kan abdatamu ta'uu eeraniiru.
Biiroo Qonna Oromiyaatti Daariktarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen Sassaabbiin oomisha kilaastara qamadii bu’aalee hojii qonna gannaa keessatti argaman keessaa tokko yoo ta’uu dubbataniiru.
Oomishtummaa qonnaa guddisuu,wabii nyaataa mirkaneessuu fi diinagdee qonnaan bultootaa fooyyessuun imala badhaadhinaa qabame kan milkeessudha jedhaniiru.
Bulchaa Ittaanaa fi Qindeessaan Kilaastara Nageenya Obbo Abdurrazaaq Huseen Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun badhaadhina diinagdee mirkaneessuuf teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaan caalmaan akka guddituuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himan.
Qonnaan bultootni naannichaas qonna kilaastaratti fayyadamuun lafa jiru sirnaan fayyadamuu fi baasii oomishaa hir'isuun omishaafi oomishtummaan isaanii dachaan kan dabaleef ta'uu himan.
Tajaajila komnikeeshinii godinichaarraa