Hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol Ertiraatti ceesisaniiru - ENA Afaan Oromoo
Hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol Ertiraatti ceesisaniiru
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol Ertiraatti ceesisaniiru jedhan raawwachiisaan olaanaa bulchiinsaa fi tajaajila ummataa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayii obbo Asaffaa Abrahaa.
Hoggantoonni olaanoon bulchiinsa yeroo magaalaa Maqaleetti ergamtoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii, ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fi qaamolee idil-addunyaa dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru.
Obbo Asaffaa Abirhaa yeroo kana, hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol gara Eertiraatti ceesisuun isaanii, dhaabbileen mootummaa hojii isaanii guutuu akka hin raawwanne gufuu ta’uu fi sochiin garee kanaa tasgabbii fi nageenya naannichaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jiraachuu himaniiru.
Kanaaf hawaasni idil-addunyaa gocha garee kanaa ifatti akka balaaleffatuu fi nageenyi waaraa naannichatti akka mirkanaa’u dhiibbaa barbaachisaa akka godhu gaafataniiru.
Bulchiinsi yeroo aangoo ji’a ja’aa isaaf kenname keessatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu, bulchiinsa mootummaa fi tajaajiloota bu’uuraa deebisuu, dinagdee naannichaa dandamachiisuu, lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara mana isaanii deebisuu fi qophii dhaabbilee filannoof barbaachisu xumuruu hojiiwwan dursa kennuuf ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, akka madaallii ji’a Hagayyaa gaggeeffameetti, naannoo Tigraay keessatti deeggarsa namoomaaf Yuuroo miliyoona 700 akka barbaachisu ibsuun, hawaasni idil-addunyaa deeggarsa namoomaa akka cimsu waamicha dhiyeessaniiru.