Tamsaasa Kallatti:

Godina Kibba Baha Oromiyaatti qamadii qonna gannaan misoomerraa midhaan kuntaalli miiliyoona 60 ol ni abdatama

Sadaasa 08/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 1 tuqaa 4 olirratti qamadiin facaafamuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Godinni Kibbi Baha Oromiyaa haala qilleensaa mijataa fi lafa bal'aa fi gabbataa qonnaaf mijatu waan kan qabuu fi , naannolee Itiyoophiyaa oomisha qamadiitiin dursan keessaa isa tokko waan ta’eef Waggoota dhihoo asitti qonna kilaastaraa, makaanayizeeshinii fi sanyii fooyya'aa fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisuu danda'eera.

Bara kana yeroo lafa hektaara miliyoona 2.6 qonna gannaan misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miliyoona 1.4 qamadiin kan misoome yoo ta'u, oomishni kuntaala miliyoona 62.5 ni abdatama.

Ogeeyyiin miidiyaa hojii qonnaa aanaalee Sinaanaa fi Agaarfaa keessatti hojjetamaa jiru kan daawwatan yoo ta’u, aanaa Sinaanaatti lafti heektaara kuma 8 ol kilaastara qamadiin misoomaa akka jiru dubbataniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Abdulgaffaar Kamaal akka jedhanitti, bara kana hojiiwwan qonnaa keessaa dhibbeentaan 80 ol makaanayizeeshinii fi mala qonnaa fooyya'aa fayyadamuun raawwatamaa jiruuf oomishni gaariin akka argamu ni eegama.

Sanyii fooyya'aa fi xaa'oo dhiyeessuun, teeknooloojii fi qonna kilaastaraa babal'isuun oomisha dachaan guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daawwannaan ogeeyyii miidiyaas hojiiwwanii fi bu'aawwan misoomaa hawaasaaf beeksisuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni Aanaa Sinaanaa Obbo Hasan Kadir fi Sheek Ahmad Ali gama isaaniin, mala qonnaa fooyya'aa fi sanyii filatamaa fayyadamuun jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoota 15 waliin qanadii kilaastaraan misoomsan jiran irraa heektaara tokkorraa calla hanga kuntaala 60 argachuuf akka eegatan dubbataniiru.

Ogeeyyiin miidiyaa daawwannaa isaanii itti fufuun, Paarkii Biyyaalessaa gaarren Baalee fi iddoowwan hawata turizimii biroo daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015