Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Maqalee dhaqan - ENA Afaan Oromoo
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Maqalee dhaqan
Sadaasa 8/2019(ENA)- Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa daawwannaa hojiif Maqalee dhaquunsaanii ibsame.
Yeroo jilli kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Aluulaa Aba Nagaa ga’u, hoggantoonni olaanoon bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay fi Kantiibaan magaalaa Maqalee Dr. Shishay Amaare akkasumas hoggantoonni olaanoon bulchiinsichaa biroon simataniiru.
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii har’a, Sadaasa 8 irraa eegalee, guyyoota lamaaf magaalaa Maqalee keessatti daawwannaa hojii ni gaggeessu.
Daawwannaa isaanii keessatti hoggantoota olaanoo bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa sivilii waliin akka mari’atan eegama.
Dhimmoota mariin irratti gaggeeffamu keessaa gargaarsa namoomaa, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an, adeemsa DDR, fi deebisanii dhaabuu, akkasumas dhimma nageenya naannichaa akka ta’an EBC’n gabaaseera.