Tamsaasa Kallatti:

Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran

Seenaa abbaa fiigicha dheeraa Waamii Birraatuu

Seenaa fiigicha dheeraa Itiyoophiyaa addunyaarratti beeksise ilaalchifnee barreeffama Kanaan duratiin seenaa gooticha olompiikii Shaambal Abbabaa Biqilaa dhiheessuun keenya niyaadatama. Barreeffama Kanaan ammoo, seenaa fiigicha dheeraa Abbabaa Biqilaa waliin walitti hidhata qabu seenaa atileetii beekamaa tokko isin biraan geenya. Seenaa Atileet Waamii Birraatuu.

Dhaloota

Atileet Waamii Birraatuu atileetii beekamaa Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u, seenaa atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti gahee guddaa kan qabu atileetii fiigicha dheeraa ture.

Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1917tti godina Oromiyaa Sululta, Itiyoophiyaa keessatti dhalate.  Ijoollummaa isaatti bineensota kanneen akka Kuruphee ari’ee qabachaa guddachuun isaa fiigichan addunyaarratti beekamtii akka argatu karaa baneeraaf.

Atileetii gameessi fi abbaan atileetiksii Itiyoophiyaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1945 (A.L.I.) keessa (akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1952/1953) Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa keessatti loltuu ta'uun qacarame gara Finfinnee dhufe. Seenaan Ispoortii biyya keessa darbee amma idil-addunyaatti qaari’e kan eegale kana booda ture.

Seenaa ispoortii

Raayyaa ittisa biyyaa erga seenee boodas, shaakala fiigichaa ijoollummaadhaan kuruphee ari’ee qabuudhaan eegale cimsee itti fufuun dorgommiiwwan atileetiksii biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti hirmaachuun maqaa biyya isaa waamsiseera.

Seenaa bara fiigicha isaa keessatti atileetota fiigicha fageenyaatiin dursa qaban keessaa tokko ture. dorgommiiwwan biyya keessaatiin milkaa'ina guddaa galmeesseera. Ababaa Biqilaa wajjin michuu fi shaakala Ispoortii fiigichaatiin seenaa wal fakkaataa qabu ture. Dorgommiiwwan irratti hirmaatan irratti yeroo tokko tokko Ababaa Biqilaa injifachaa akka ture odeeffannoowwan ni mul’isu.

Dorgommii Olompikii Room bara 1960

Waamii Birraatuun garee Itiyoophiyaa bakka bu'ee Olompikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee ture.

Haa ta'u malee, dorgommii kun gaggeeffamuuf guyyoonni saddet wayita hafan dhukkubsatee dorgommii Olompikii sana irratti hirmaachuu hin dandeenye. Bakka isaa Ababaa Biqilaan dorgommucharratti hirmaatee, maaraatoonii Olompikii Roomaa miila duwwaa fiiguun injifatee seenaa addunyaarratti har’allee ittiin waamamu galmeesse.

Waamii Birraatuun Abbabaa Biqilaa dabalatee atileetota beekamoo kanneen akka Maamoo Waldee, Dammisee Waldee waliin shaakala fiigichaa irratti hariiroo cimaa qaba ture. Akkasumas atileetota dargaggoota leenjisuu fi iddoowwan shaakala fiigichaa babal'isuurratti gahee akka qabullee seenaa ispoortii keessatti iddoo guddaa akka qabu odeeffannoowwan ni eeru.

Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaatti Meedaaliyaa warqee 30, Meedaaliyaa meetii 40, Meedaaliyaa naasii 10 akka argate odeeffannoowwan garagaraa ni mul’isu.

Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu Yeroo ammaa umuriinsaa wagga 109 yoo ta’u, har’allee Ispoortiin ala jiraachuu akka hin dandeenye dubbata. Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu jaalala ispoortiif qabu, ''Ispoortiirra du'a qofatu adda na baasa'' jechuun BBC oduu Afaan Oromootti himeera.

Waamii Birraatuun abbaa seenaa fiigicha fageenyaa Itiyoophiyaa keessaa tokko jedhamee yaadatama. Kanaaf “World Athletics” bara 2021 irratti seenaa isaa mata-duree “Wami Biratu, the grandfather of Ethiopian distance running” jedhuun dhiheesseera.

Bahaasa garagaraa

Atileetiin beekamaan fi abbaan fiigicha fageenya dheeraa Itioophiyaa, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu, bara dorgommii isaa keessatti meedaaliyaawwan fi badhaasota adda addaa hedduu injifateera. Bara 1950ootaa fi 1960oota keessa biyya keessaa fi idil-addunyaatti dorgomuun seenaa guddaa galmeesseera.

Meedaaliyaawwan Fiigichaa

Waamii Birraatuun dorgommiiwwan fageenya gabaabaa fi dheeraa (meetira 1500 irraa eegalee hanga maaraatoonii fi qaxxaamura biyyaatti) irratti hirmaachuun meedaaliyaawwan hedduu argateera.

Meedaaliyaawwan Waligalaa

Akka odeeffannoon seenaa isaa agarsiisutti, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaa keessatti dorgommiiwwan biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomeen meedaaliyaa warqee 30 , meetii 40, fi naasaa 10 walumaa gala meedaaliyaa 80 injifateera.

Dorgommiiwwan raayyaa ittisa biyyaa fi shaampiyoonaa biyyaalessaa irratti irra deddeebiin injifachuun waancaa fi badhaasota adda addaa mootii yeroo sanaa Hayila Sillaasee harkaa fudhateera.

Badhaasota Kabajaa fi Beekamtii

Akka odeeffannoon World Athletics ibsutti Shaambal Baashaa  Waamii Birraatuun gumaacha atileetiksii Itiyoophiyaa bu'uuressuu fi dhaloota akka Abbabaa Biqilaa leenjisuu keessatti qabuun akka "Akaakayyuu Fiigicha Fageenya Dheeraa Itoophiyaa"tti kabaja olaanaa qaba.

Bara 2004tti Golambaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti seenaa fi meedaaliyaawwan isaa kan agarsiisu agarsiisni addaa qophaa'eefii kabajameera. Bara 2021tti injifannoo Maaraatoonii Osaakaa waggaa 60ffaa sababeeffachuun Masaraa Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti kabajaa fi badhaasni beekamtii kennameeraaf.

Xumura

Mata duree yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran jedhu jalatti kan isiniif dhiheessine seenaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu irraa dhaloonni waan guddaa barata jenneetu amanna. Kan jalqabaa namni kamiyyuu kennaa keessasaa jiru beekuun kan jalqabaati. Namni kennaa keessasaa jiru beeke ammoo of qopheesee gufuun kamiyyuu yoo isa mudate galma kaawwate bira gahuuf cichee hojjechuu qaba.

Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun Olompiikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee turban tokko yoo hafu dhukkubsatee hirmaachuu dadhabus osoo abdii hin kutatiin cimee hojjechuun dorgommiiwwan itti aanan kan biyya keessaas ta’e kan idil addunyaarratti hirmaachuun injifannoowwan garagaraa galmeessiseera.

Atileetiin gameessi kun har’allee umurii wagga 109tti ispoortiirraa gargar hin baane. Ispoortiirraa waanti adda na baasu du’a qofa jechuunsaa kaayyoo ganamaaf cichoomina qabu kan agarsiisudha. Namni kamiyyuu kennaasaa haa baru, kaayyoo fi galma haa qabaatu, galmasaa bira gahuuf haa cichu jenna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015