Tamsaasa Kallatti:

Misooma Qamadiin of danda’uun gamatti qonnaan bulaa guddina dinagdee biyyaaf humna ta’u uumuuf hoojjetamaa jira

Sadaasa 7/2019(ENA)- Misooma Qamadiin of danda’uun gamatti qonnaan bulaa guddina dinagdee biyyaaf humna ta’u uumuuf hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi sablammii Oromoo beeksise.

Bulchiinsa sablammii Oromoo magaalaa Kamisee, ganda Mataahorootti sagantaan jalqabsiisa qamadii jallisii bonee gaggeeffameera.

Bulchaan itti aanaa bulchiinsaa sablammii Oromoofi itti gaafatamaan wajeelcha nageenyaa fi tasgabbii bulchiinsichaa obbo Ahimad Huseen saganticharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii ilaalcha “hin danda’amu” jedhu keessaa bahuun  miira “ni danda’ama”  jedhuun  hojjetamee qonnaan bultoonni moodalaa fi adda duree  ta’uun gochaan bu’aasaa agarsiisaniiru.

Kana malees oomisha oomishuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa itti fufsiisuun, of danda’uurra darbee qonnaan bultoota guddina dinagdee biyyaaf humna ta’an uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa bulchiinsa sablammii  Oromoo Obbo Mahaammad Huseen akka ibsanitti, bulchiinsa sablammii Oromoo keessatti lafti hektaarri kuma 12 ol ta’u qamadii jallisii bonaan ni facaafama.

Qonna ammayyeessuuf misooma kilaastaraan gaggeeffamu babal’isuun hojiirra oolaa jiraachuu kan ibsan itti aanaa itti gaafatamaa kun, aanaalee godinichaa hunda keessatti dhiyeessiin xaa’oo fi sanyii filatamaa gahaan raawwatamuu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii Magaalaa Kamisee Obbo Ahimad Jibriil akka jedhanitti, bulchiinsa magaalichaatti lafti hektaarri kuma 1 fi 200 qamadii jallisii bonaan  ni misooma.

Madda bishaanii garaagaraatti fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni magaalaa Kamisee ganda Mataahoroo gama isaaniin, oomishaa fi oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi fayyadamummaa isaanii cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas, hektaara tokko irraa oomisha kuntaala 40 ol argachuuf carraaqqii taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015