Godinichatti oomishaa fi oomishtummaa fulla’insaan itti fufsiisuuf dhiheeessii fi itti fayyadama xaa’oo uumamaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti oomishaa fi oomishtummaa fulla’insaan itti fufsiisuuf dhiheeessii fi itti fayyadama xaa’oo uumamaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame
Sadaasa 7/2019(ENA)-Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa fulla’insaan itti fufsiisuuf dhiheessii fi itti fayyadamasaa xaa’oo uumamaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Wiirtuuwwan kompoostiin itti baay’ifamu kan bifa ammayyaan gurmaa’an dhiheessii Xaa’oo uumamaa bal’isuun gamatti madda galii ta’aa dhufuunsaa himameera.
Itti aanaan itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Zalaalam Alamayyoo akka jedhanitti, godinichatti waggoota sadan darban xaa'oo uumamaa irratti hojii hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan qonnaan bultoota dabalaa dhufeera.
Godinichatti kompoostii idilee meetira kiyuubii miliyoona 22 fi xaa'oo uumamaa kuntaala miliyoona 1 Tuqaa 7 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Goobaa Obbo Abbabaa Geetaachoo gama isaaniin, aanichatti kompoostii idilee meetira kiyuubii kuma 458 fi 500 akkasumas vermi kompoostii kuntaala kuma 45 fi 700 qopheessuuf karoorfamee, hanga ammaatti raawwiin isaa dhibbeentaa 70 irra ga'uu ibsaniiru.
Giddugaleessonni oomisha kompoostii sadii aanichatti ijaaramanis dargaggootaa fi dubartoota 60 ol ta'aniif carraa hojii uumaniiru.
Giddugaleessichatti carraa hojii kan argatan Aadde Alamtsahaay Girmaa, dubartoota 15 waliin gurmaa'uun waggoota lamaaf damee kana irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Gurgurtaa xaa'oo uumamaa irraa birrii kuma 100 ol baankii keessatti qusachuu isaanii dubbataniiru.
Qonnaan bulaan Adunyaa Kabbadaa gama isaaniin, beekumsa giddugaleessota kompoostii naannoo isaanii irraa argatanitti dabalataan vermi kompoostii ofii isaaniitiin oomishuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisuu danda'uu dubbataniiru.
Dandeettii oomisha kompoostii irratti argatanis qonnaan bultoota naannoo isaanii biroof qoodaa jiraachuu ibsaniiru.