Aanichatti inisheetiiviiwwan mootummaan bochuun gadi buuse hojiirra ooluun bu’aa argamsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Aanichatti inisheetiiviiwwan mootummaan bochuun gadi buuse hojiirra ooluun bu’aa argamsiisaa jiru
Sadaasa 6/2019(ENA)- Godina giddu galeessa Oromiyaa aanaa Lumeetti inisheetiivonni mootummaan bochuun gadi buuse hojiirra ooluun bu’aa argamsiisaa jiraachuu bulchiinsi aanichaa beeksise.
Inisheetivonni kunneenis wabii nyaataa mirkaneessuu, Al-ergii guddisuu, oomishaa alaa galuu kan biyya keessatiin bakka buusuufi carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuun ibsameera.
Bulchaa itti aanaa Aanaa Luumee Obbo Misbahaa Musxaafaa aanichatti akka ibsanitti, bara kana lafa heektaara 418 irra Avookaadoon kan dhaabame yoo ta'u, lafti heektaarri 15 immoo burtukaanaannidhaabameera.
Dabalataanis, inisheetiviin misooma horsiisa qurxummii aanichatti hojiirra oolaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee carraa hojii uumuu keessatti bu'aa olaanaa argamsiisaa jiraachuu himaniiru.
Aanichatti haroowwan nam-tolchee 60 qopheessuun horsiisi qurxummii gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa tokko tokkoos yaada kennaniin, inisheetivota qonnaa bocaman ofitti fudhannee hojiirra oolchuudhaan irraa fayyadamoo ta'aa jirra jedhaniiru.