Eeggattummaa Jalaa bahuuf Tarsiimoo qonnaa Mootummaan bocee gadi buuseen bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra - ENA Afaan Oromoo
Eeggattummaa Jalaa bahuuf Tarsiimoo qonnaa Mootummaan bocee gadi buuseen bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra
Sadaasa 5/2019(ENA)-Akkaataa tarsiimoo qonnaa mootummaan bocee gadi buuseen eeggattummaa Jalaa bahuuf bonaa fi ganna qamadii oomishanee fayyadamoo taaneerra jedhan Qonnaan Bultootni godina lixa Oromiyaa aanaa Jimmaa Gannat Wiirtuu Shaambuu.
Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti Oomishni Inisheetivii Misooma Qamadii Jallisii Bonaan lafa hektaara kuma 24 ol misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Jiruu fi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf Inisheetiviiwwan misooma qamadii bal'inaan qotuun Qonnaan bulaan eeggattummaa fi gargaaramtummaa jalaa bahu gochuuf hojjetamaa jira.
Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Guddattuu Jimmaatti Qonnaan bultootni waliin gurmaa'uun lafa hektaara 116 olirratti Qamadii Jallisii Bonaan facaasuu eegalanii jiru
Waktiin Bonaa aadaa yeroo boqonnaa godhamee ilaalamu keessaa bahuun oomisha roobaan oomishatan cinaatti Qamadii jallisiin erga oomishuu jalqabanii jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu qonnaan bultootni gandichaa obbo Shibbiruu Hordofaa fi Mokonnon Nagarii himanii jiru.
Bulchaa itti aanaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi lafaa Aanaa Jimmaa Gannatii obbo Gaaromsaa Darajjee tarsimoo mootummaan oomisha alergii guddisuu fi kan alaa galu xiqqeessuu akkasumas wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jiru galmaan gahuuf gandoota aanichaa 12 keesatti lafa hektaara kuma 24 fi 640 irratti qamadii facaasuuf karoorsanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Hogganaa itti aanaan waajjira qonnaa godina lixa Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee misooma qonnaa doktar Warqinaa Galataa akka jedhanitti, lafa hektaara kuma 900 fi kuma 11 olirratti misooma Qamadii Jallisii bonaa oomishuuf karoorsuun hojjetamaa jirurraa callaa kuntaala Miliyoona 36 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.