Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa barbaada- hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa - ENA Afaan Oromoo
Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa barbaada- hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa
Sadaasa 5/2o19(ENA)- Baay’inaa fi qulqullina bunaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aan mootummaa,oomishtootaa fi daldalaa akka barbaachisu hogganaa damee siyaasaa paartii badhaadhinaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa ibsan.
Eksipoon Bunaa Idil-addunyaa 2026 har’a magaalaa Jimmaatti banameera.
Ekspoon kun bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaatti caalaatti beeksisuun gamatti invastimantii fi tuurizimiin bunaa akka babal’atuuf carraa guddaa akka uumu ibsameera.
Obbo Mahaammad Xahaa wayita kana ergaa dabarsaniin, bunni utubaa dinagdee Itiyoophiyaa waan ta’eef misooma damee kanaa cimsuun, deeggarsa ogummaa babal’isuu fi qulqullina bunaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa fi warri buna gara biyya alaa erganis qulqullina oomishaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti bara kana bunaa toonii kuma 700 walitti qabuuf karoorfame keessaa toonii kuma 195 gabaa alaa irratti dhiyeessuuf karoorfamuu eeruun, kana milkeessuuf oomishaa fi qulqullina bunaa dabalataan guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Dameewwanii Jimmaa Obbo Najiib Kadir gama isaaniin, qulqullina bunaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun hojii dursa kennamuu qabu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni bunaa qulqullinaan akka oomishaniif mootummaan deeggarsa ogummaa fi hordoffii akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Ekspoon kun ogeessota bunaa, daldaltoota fi dhaabbilee idil-addunyaa 100 ol kan hirmaachisu yoo ta’u, mi’aa fi qulqullina bunaa Itoophiyaa beeksisuu, akkasumas Godina Oromiyaa Kibba Lixaatti invastimantii, tuurizimii bunaa fi carraawwan dinagdee biroo hawwachuuf gahee olaanaa qaba.
Sagantaan kun qindoomina Mana Maree Daldalaa Naannoo Oromiyaa, deeggarsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mana Maree Daldalaa Itiyoophiyaatiin, akkasumas tumsa Godina Oromiyaa Kibba Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatiin qophaa’e.