Tamsaasa Kallatti:

Paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee daawwattoota biyya keessaa fi alaa hedduminaan hawwachaa Jira


Sadaasa 5/2019(ENA)-Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee xiyyeeffannaa damee tuurizimiif kennameen daawwattoota biyya keessaa fi alaa hedduu hawwachaa jiraachuu hoji-gaggeessaan Paarkichaa Obbo Shaamil Kadiir ibsan.

Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannaa damee tuurizimiif kenneen daaw'attoonni biyya keessaafi alaa Paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee hedduuminaan daaw'achaa jiraachuu hoji-gaggeessaan Paarkichaa ibsaniiru.

Paarkichi miidhagina uumamaa, bineensotaa fi biqiltoota adda addaatiin badhaadhaa ta'uun hawwata tuurizimii beekamaa ta'ee daawwattoota hedduu simachaa jiraachuu dubbataniiru.

Paarkichi hambaa uumamaa addunyaa UNESCOtti galmaa'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu bira darbee carraa hojii uumuu fi galii hawaasaa guddisuuf shoora olaanaa qabaachaa jiraachuus eeraniiru.

Paarkichi bara 1962 kan hundeeffame yoo ta'u, gaarreen olka'iinsi isaanii meetira 4,377 ga'u, madda laggeen 44 fi qabeenya uumamaa adda addaatiin kan badhaadhe ta'uus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015