Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu

Sadaasa 5/2019(ENA)-Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf koreen tekiniikaa sagantichaa deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hoogganaa itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Dassaaleny Dhugumaa ibsan.

Koreen tekiniikaa Sagantaa Misooma Avokaadoo karoora Sagantaa Misooma Avokaadoo bara 2019 milkeessuuf mari'ate.

Avokaadoon oomisha bu'a-qabeessaafi gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti baayyee barbaadamaa ta'ee wabii nyaataa mirkaneessuun madda galii guddaa argamsisaa jira caalmaan itti fufsiisuuf Sagantaan Misooma Avokaadoo Waggaa 15niif hojiirra oolu bara darberraa eegalee labsamee jira.

Biiroo qonnaa Oromiyaatti qindeessaa sagantaa misooma Avokaadoo Obbo Mangistuu Olii sagantichi Godinaalee 6 keessatti kan argaman aanaalee  63 keessatti kaayyoowwan oomishaa fi oomishtummaa avukaadoo guddisuun gabaa biyya keessaa fi biyya alaatti baayyinaafi qulqullinaan dhiheessuun madda galii taasisuu, avokaadoo sassaabbiif gahe qulqullina isaa eeguun sassaabuu fi qisaasama yeroo sassaabbiirratti jiru xiqqeessuu, walitti hidhamiinsa gabaa avokaadoo cimsuufi misooma avokaaadoorratti tekinooloojii jiru babal'isuun sona itti dabaluun gabaaf dhiheessuurratti hojiiwwan Qorannoo, Leenjiifi Exteenshiniidhaan deeggeruurratti kan hojjetu ta'uu ibsaniiru.

Koreewwan tekiniikaa sekteroota qooda fudhattoota irraa walitti dhufan kaayyoo Sagantaa misooma avokaadootiin qabame milkeessuuf deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu taasisuurratti gahee isaanii akka bahataniif Obbo Dassaalrny kallattii kaa'aniiru.

Koreen tekiniikaa kunis, gahee hojii sagantichaan sekteroota irraa bakka bu'aniif kennamerratti hundaa'uun karoora bu'a-qabeessummaa sagantichaa mirkaneessuun raawwii isaatiif gumaacha isaanii akka bahataniif kallattiin kaa'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015