Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyyee waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabdi

Sadaasa 4/2019 (ENA) – Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyy waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan.

Yaa’iin 31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qilleensaa COP31 Turkiyyee, Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’ichaan cinaatti turtii TRT World waliin taasisaniinakka ibsanitti, hariiroon dippilomaasii seenaa qabeessaa fi cimaa Itiyoophiyaa fi Turkiyyee gidduu jiru gara tumsa dinagdee olaanaatti ce'uu akka qabu ibsaniiru.

Invastaroonni damee dhuunfaa Turkii dinagdee Itiyoophiyaa guddachaa jiru keessatti hirmaannaa bal'aa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa hoggantootaa qofa irratti kan hundaa'e osoo hin taane, walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii irratti kan hundaa'e michooma cimaa ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbileen Turkiyyee dameewwan tajaajilaa, oomishaa fi ijaarsaan muuxannoo fi dandeettii olaanaa qaban irratti bobba'uun guddina dinagdee Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa fiduu akka danda'an ibsaniiru.

Kunis biyyoota lamaaniif faayidaa waliinii kan mirkaneessu ta'uu eeraniiru.

Kana malees, Itiyoophiyaan milkaa'ina yaa’ii COP31 Turkiyyeen keessummeessituu fi gaggeessummaa marii Awustiraaliyaan gaggeessuu keessatti deeggarsa guutuu akka kennitu ibsaniiru.

Tumsi biyyoota lamaanii daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii qofa irratti osoo hin daangeffamiin, waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irrattis cimee akka itti fufu ministirichi mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015