Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa miseensota raayyaa ittisaa naannoo Tigraayitti argaman waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa miseensota raayyaa ittisaa naannoo Tigraayitti argaman waliin mari’atan
Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa miseensota raayyaa ittisaa naannoo Tugraayitti argaman waliin raawwii dirqama bahachuu qaxanichaa fi ergama itti aanu irratti mari’ataniiru.
Mariin kun waraana marsaa afraffaa gareen seeraan alaa ABUT qolachuuf raawwii waraana taasifamee fi bu’aalee argamanirratti kan xiyyeeffatedha.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa waltajjichaan adeemsa waraanaa bal’inaan qorachuun gamatti gootummaa fi qophaa’ummaa olaanaa raayyaan agarsiiseefdinqisiifannaasaanii ibsuun miseensota raayyaa onnachiisaniiru.
Kana malees dirqama loltummaa fi ergama raayyaan fuuldura raawwatu ilaalchisuun qajeelfama dabarsaniiru.