Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Bu’uraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumuu isaa, dura taa’aan koree dhaabbataa dhimma bu’uuraalee misoomaa fi mana qopheessaa mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa ibsaniiru.
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee sirna haaraa qindaa’aa ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa eebbisiisuu fi beeksisuuf sagantaa qopheesseera.
Saganticharratti kan argaman dura taa’aan koree dhaabbataa bu’ura misoomaa fi dhimmoota mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa, sirni hojii dijitaalaa qisaasama qabeenyaa, malaammaltummaa fi dararama ummataa hambisuun tajaajila saffisaa kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Mesob hojiirra oolchuun tajaajiloota iftoominaa fi saffisa qaban kennuun quufinsa jiraattotaa mirkaneessaa fi bu’aawwan galmeessaa akka jirtu eeraniiru.
Sirni haaraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsuun, damee geejjibaa magaalattii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan biiroo geejjibaa magaalaa Finfinnee, Doktar Tafarraa Molaa, yeroo ammaa itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila saffisaa kennuuf teeknooloojii fayyadamuun dirqama ammaa ta’uu ibsaniiru.
Sirni haaraan kun rakkoolee duraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa keessatti mudachaa turan furuun adeemsi hojii teeknooloojiin akka deeggaramu ni taasisa jedhaniiru.
Kunis sochiin tiraafikaa mijataa akka jiraatuuf haala mijeessuun tajaajilli geejjibaa saffisaa, amanamaa fi nageenya qabu akka ta’u ni gargaara jedhaniiru.
Dabalataanis, sirni kun konkolaattota seeraan alaa hordofuu fi cufamuu tiraafikaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hundeessaan akkasumas hoji gaggeessaan dhaabbata AG Technology, dargaggoo Getaasaaw Ababa ibsaniiru.
Sirni kun ramaddii konkolaattotaa, ramaddii to’attootaa, galmee argama konkolaattotaa, yaada tajaajilamtootaa, gabaasa dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi gabaasa taateewwan guyyaa guyyaa of keessatti akka hammatu ibsaniiru.
Hogganaan Waldaa Taaksii Nagaa Finfinnee, Obbo Geetuu Tasfaayee, sirni kun rakkoo fi walitti bu’iinsa to’attootaa fi konkolaachistoota taaksii gidduutti uumamaa ture furuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Miseensi Waldaa aksiyoona geejjiba Aday Abbaa, Birhaanee Yehuwaalaasheet, sirnichi mala hojii tuttuqaa harkaa hambisuun sirna dijitaalaa akka babal’isu ibsaniiru.