Tamsaasa Kallatti:

Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Sadaasa 4/2019 (ENA) - Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin magaalaa Maqaleetti marii gaggeessaniiru.

Xiyyeeffannoon marichaa naannoo Tigraayitti nageenya waaraa fiduuf waliin hojjechuun haala danda’amu uumuuf yoo ta’u, naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominni akka barbaachisu ibsameera.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Tigraayi seenaa fi eenyummaa  Itiyoophiyaa.

Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne, fuulduras hin milkaa’u jedhaniiru.

Jiraachuun Itiyoophiyaa Tigraayirraa adda baafamee akka hin ilaalamne kaasanii, Tigraayi seenaa, hundeeffamaa fi jiraachuu keessatti qoda bakka hin bu’amne akka qabdu dubbataniiru.

Gareen seeraan alaa ABUT ummata naannoo Tigraayi Itiyoophiyaarraa adda baasuuf adeemsi inni hordofe fashaluusaa eeranii, yaaliin kun gonkumaa hin milkaa’u jedhaniiru.

Ummanni Tigraayi walitti hidhaminsi seenaa, eenyummaa fi walitti hidhaminsi biyyaalessaa kan hin cinne ta’uu  dubbatanii, yaaliin taasifaman seenaa fi dhugaa biyyattii bakka akka hin buune ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015