Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu qaba
Sadaasa 4/2019(ENA)-Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu akka qabu dhaamame.
Godina Kibba Lixa Oromiyaatti qophii kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa irratti hoggantoota aanaalee fi godinaa waliin Magaalaa Jimmaatti mariyatameera.
Maree kanaaf qabxiin maree ayyaana Sadaasa 29/2019 kabajamu irratti xiyyeeffates Itti gaafatamaa Ittaanaa damee Siyaasaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Ashannaafii Biraanuutiin dhihaatee irratti mariyatameera.
Kabaja ayyaanichaa milkeessuuf qaamoleen hawaasa godinichaa tumsa irraa eegamu bahuu akka qabaniif dudhaa keessummaa simachuu uummatni keenya qabuun hirmaattota keessummeessuu akka qabanis ibsameera.
Ittigaafatamaan Damee siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa Itiyoophiyaan tokkummaa sabdaneessaa fi walooma lammiilee dimokiraasii bu'uureffate ijaaraa jirtii jedhan.
Ayyaanni Saboota sablammootaafi ummattootaa kunis karaa miidhagaaf tokkummaa sabdaneessummaa agarsiiseen kabajamaa jedhan.
Ayyaannichi sochii hawaas-diinagdee ummatichaa guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsuun, hawwattummaa invastimentii fi tuurizimii godinichaa dabaluufis shoora olaanaa qabaa jedhan.
Kanaafis qaamoleen hawasaaf hoggansi sadarkaan jiru kabaja ayyaanichi karaa midhagaa fi naga qabeessa ta'een akka a kabajamuuf tumsuu qabaa jedhan.
Hirmaattoota ayyaanichaa gara godinicha dhufaniifis simannaa guddummaaf jaalala uummatni Oromoo ilma namaaf qabu kan agarsiisu taasisuu qabus jedhan