Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti barnootaa fi bu'aa barattootaa fooyyessuu danda'eera.

Sadaasa 04/2019 (ENA)- Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti kennamaa jiru adeemsa baruu fi barsiisuu akkasumas bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu barsiisonnii fi maatiin barattootaa ibsan.

Naannichatti bara kana barattoonni kuma 40 ol sagantaa nyaata mana barumsaa irraa fayyadamaa jiru.

Saganticha manneen barnootaa idileen duraa fi tokkoffaa 67 keessatti raawwatamuuf birriin miliyoona 46 ol ramadamuun ni beekama.

Barsiistuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnin, Zinaash Shifarraawu akka jedhanitti, duraan barattoonni mana keessatti nyaata eeggachaa waan turaniif barnootaaf yeroo isaanii irratti dhiyaachuu hin dandeenye.

Erga sagantaan nyaata mana barumsaa jalqabee garuu haalli waliigalaa barattootaa fi bu'aan isaanii fooyya'uu ibsaniiru.

Qpoheessituun nyaata mana barumsaa Aadde Gannat Kaasaahun gama isaaniitiin, sagantichi barattoota nyaachisuu qofa osoo hin taane, carraa hojii isaaniif uumuu ibsaniiru.

Akkasumas, barattoota keessatti turtii barnootaa addaan kutuu fi yeroo barnootaatti tursiisuun hir'achuu eeraniiru.

Barattuun kutaa 2ffaa Mana Barumsaa Raas Mokonnon, Helen Girmaa, sagantichi mana barumsaa keessatti nyaata argachuu fi yeroo isaa eeganii barnootaaf dhiyaachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti.

Akkasumas, barnoota isaanii hordofanii bu'aa gaarii akka galmeessaniif gargaaraa jiraachuu ibsiteetti.

Qindeessaan Sagantaa nyaata Barattootaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii, Obbo Arab Aliyyi akka jedhanitti, sagantichi jijjiirama guddaa barattoota irratti fiduu bira darbee, barattoota gidduutti tokkummaa fi waliin jireenya, hawaasa keessattis wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsa cimsaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataanis, barattoonni yaada isaanii barnoota irratti akka xiyyeeffatan fi fedhiin isaanii barachuu akka dabalu taasisaa jira.

Sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisuurratti Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, sagantichi hirmaannaa barattootaa barnoota keessatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas, yeroo barnootaa manneen barnootaa keessatti qisaasamaa ture hambisuun bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015