Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraayitti eegale cimsuun itti fufuu qaba – Jiraattota Magaalaa Maqalee

Sadaasa 4/2019 (ENA)-Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun itti fufuu akka qabu jiraattonni Magaalaa Maqalee dubbatan.

Ajajaan humnoota waraanaa walii galaa Waliigalaa RDFI, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa jiraattota Magaalaa Maqalee waliin mari'ataniiru.

Maricharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gareen seeraan alaa  ABUT’n  garee Tsimdoo diinota biyya alaan hogganamutti makamuun biyya waraanuusaa ibsaniiru.

Mariin har'a gaggeeffame kallattii nageenya ummata Tigraayi mirkaneessuuf itti hojjetamu kaa'uuf ta'uu dubbataniiru.

Jiraattonni Magaalaa Maqalee gama isaaniin, waraanni haa dhaabbatu; nageenya, badhaadhinaa fi tasgabbii barbaanna jechuun ibsaniiru.

Bu'uuraaleen misoomaa akka ijaaraman, dargaggootaaf carraan hojii akka uumamuu fi lammiileen nagaan ba'anii nagaan akka galan barbaaduu isaanii marii irratti kaasaniiru.

Hirmaattonni mariichaa mootummaan hojjettoota mootummaa mindaa kaffaluu fi bu'uuraalee misoomaa barbadaa'an deebisee ijaaruu jalqabuun isaa dinqisiifannaa argachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015