Tamsaasa Kallatti:

Giddu galli qorannoo qonnaa Hoolotaa fayyadamaa fi kunuunsa biyyee irratti qorannoowwan garaagaraa gaggeessaa jira

Sadaasa 4/2019 (ENA)-Giddu galli qorannoo qonnaa Holataa fayyadamaa fi kunuunsa biyyee irratti qorannoowwan garaagaraa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

Qorataan gabbina biyyee giddugala qorannoo qonnaa Holataa obbo Zalaaqee Obsaa akka jedhanitti, giddu galichi qorannoo biyyee kootichaa irratti muuxannoo yeroo dheeraa qaba.

Haaluma kanaan, biyyeen kootichaa yeroo roobaa bishaan baay'ee qabachuu, yeroo bonaa ammoo bal'inaan dho'uun rakkoo guddaa ta'uu adda baasuun, furmaattota akka biyyee jabeessuu fi fooyyessuu irratti hojjechaa turuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa rakkoo biyyee biyyattii keessatti yaaddoo ta'e manca'uu biyyee ittisuuf, fayyadamaa fi kunuunsa biyyee irratti qorannoowwan bal'aa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Keessattuu, baay'inni ummataa fi itti fayyadama lafaa sirrii hin taane manca'uu biyyee akka hammeessu ibsuun, furmaata waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Qorannoo biyyee fi bishaanii keessatti dameewwan xiyyeeffannoo jahan akka jiran kan ibsan qorataan kun, isaan keessaa qorannoo asiidummaa biyyee, gabbina biyyee, misooma qabeenyaa bishaaniin walqabatu qorannoo biyyee kootichaa, akkasumas qophii xaa'oo uumamaa fi warshaa ta'uu eeraniiru.

Gidd ugalichi laaboraatoriiwwan sadarkaa isaanii eegatan qorannoo biyyee, biqiltootaa fi bishaanii qabaachuu ibsuun, bu'aawwan qorannoo isaa yunivarsiitiiwwanii fi qonnaan bultootaaf qooduun fayyadamoo taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Fakkeenyaaf, rakkoon asiidummaa biyyee duraan sirriitti hin beekamne qorannoon adda baafamee, biyyee yaaluu fi hojii qonnaa sirreessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun akka danda'ame ibsaniiru.

Dabalataanis, biyyee asiidawaa Nooraa fayyadamuun yaaluu bira darbee, sanyiiwwan midhaanii asiidummaa biyyee dandamatanii oomisha gaarii kennan qorannoon adda baafamanii qonnaan bultootaaf dhiyaachuun bu'aa gaarii argamsiisuu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015